Asmiin dhukkuba baratamaa ujummoon qilleensaa xixiqqoowwan somba keessa jiran dhiphachuu irraan dhufuudha. Dhiphinni kun kan uumamu yeroo ujummoon qilleensaa dhiita’ee fi dallane, gororri kuufame (mucus) akka uumamu taasisa. Kana malees, maashaaleen naannoo ujummoo qilleensaa jiranis ni dhiphatu. Yeroo dhukkubbii asmii qilleensi qaraciitii sombaa keessatti qabama. Jijjiiramni kun qilleensi somba keessa seenuu fi bahu (keessattuu kan bahu) akka ulfaatu taasisa, akkasumas rakkoo ukkaamsuu, qofa'uu fi rakkoo harganuu fida.
- Qilleensi qaraciitii sombaa keessatti qabamee jira
- Kutaalee maashaa diriiran
- Kutaalee maashaa cuqqaalamaa ykn dhiphataa
- Qoonqoon diimatee fi dhiitawee jira.
- Ujummoo qilleensaa yeroo fayyaa
- Ujummoo qilleensaa dhukkuba asmii qabu
- Ujummoo qilleensaa asmii waytii dhukkubaa jiru
Daa’immanii fi ijoollee kurkurtuu xixiqqoo hafuura yeroo baafatan kan korrisan (wheezing) yoo tahu garuu ijoollee hundi kan yeroo afuura baafatan qoma keessaa xiixu ykn korrisan (wheezing) asmii qabu jechuu miti. Daa'imman shan keessaa tokko yeroo ijoollummaatti dhukkuba asmiitiin ni qabamu.
Wal’aansa sirrii ta’een, daa’imman dhukkuba asmii qaban hundi ispoortii irratti hirmaachuu fi jireenya isaanii sirnaan gaggeeffatuu jiraachuu ni danda’u. Daa’imman dhukkuba asmii qaban akkaataa dhukkuba asmii (weerara asmii) ittiin ittisuun danda’amuu fi yeroo dhukkubni asmii dhufu, akkamitti akka to’atamu isinitti himu.
Asmiin dhukkuba tilmaamamuu hin dandeenye ta’uunsaa, tokkoon tokkoo daa’imaa haala adda addaatiin miidha. Ijoolleen hedduun dhukkuba asmii wajjiin guddatu.
Mallattoowwanii fi mallattoolee dhukkuba asmii (Signs and symptoms of asthma)
Mallattoowwan daa’imman keessan yeroo dhukkuba asmiitiin qabaman agarsiisan:
- Rakkoo hargansuu– daa’imni keessan yeroo boqonnaasaatti hafuura baafachuu dadhabuu, laphee isaa keessatti dhiphinni itti dhaga’amuu danda’a, hafuura baafachuun itti cimuu, ykn sababa hafuura baafachuu dhabuutiin hima guutuu xumuruu dadhabuu danda’a. Humna waan dhaban fakkaachuu danda’u. Ijoolleen tokko tokko ispoortii ykn sochii qaamaa gochuudhaaf ni rakkatu.
- Xiixuu – Daa’imni keessan yeroo hafuura baafatu addaa dhageessisuu.
- Qufa’uu –Yeroo baay’ee halkan ykn ganama obboroo kan nama mudatu yoo ta’u; yeroo qilleensi qabbanaa’uu fi yeroo sochiin qaamaa taasifamu kan mudatuudha. Qufaa qofti dhukkuba asmii dha jechuu miti.
Kanneen armaan olii mallattoolee dhukkuba asmii salphaa ta’aniidha. Mallattoowwan kun yeroo baay’ee guyyoota lamaa hanga sadii, yeroo tokko tokko immoo isa caalaas kan itti fufaniidha. Yeroon asmii kun irra caalaan isaa salphaa dha.
Yeroo dhukkubni asmii hamaa ta’e keessatti:
- mucaan keessan hafuura baafachuuf rakkachuu, baay’ee dhiphachuu, dadhabuu ykn laamsha’uu illee danda’a.
- Yeroo isaan hafuura baafachuuf yaalan sochii cimaa qoonqoo ykn laphee isaanii gadi harkisu irratti arguu dandeessu.
- Wayta harganan sagalee nama jeequ yeroo dhageessisanii fi naannoon hidhii isaanii gara halluu cuquliisaatti jijjiiramee arguu dandeessu.
Yoo dhukkubni asmii itti hammaate, hatattamaan ambulaansiitti bilbilaa.
Dhukkuba asmii maaltu fida? (What causes asthma?)
Yeroo baayyee sababni dhukkuba asmii hin beekamu. Maatii keessatti mudachuu kan danda'u yoo ta'u, dhukkubni asmii daa'imman tokko tokkoo immoo haalota biroo: kanneen akka ekziimaa, ho'a gogaa fi alarjii wajjin kan walqabateedha.
Wantoonni dhukkuba asmii kakaasuu danda'an hedduu dha. Yeroo hedduu kan kakaasu garuu infekshinii sirna hargansuu vaayirasiidhaan dhufu, kan akka qorraatiini. Wantoonni asmii kakaasan kanneen biroo:
- shaakala
- jijjiirama qilleensaa ykn haala qilleensaa bubbee makate
- Dhukkee mana keessa jiru, harcee abaaboo ykn bineensota manaa.
'Asmii obomboleettii' birraa keessa sababa walitti dhufeenya harcee abaaboo (pollen) ol'aanaa fi gosa obomboleettii addaatiin uumamuu danda'a. Namoonni dhibee asmiitiin saaxilaman, waqtiilee asmiidhaaf hamaa ta’anitti meeshaa wal’aansa asmii isaanii harkatti baachuu qabu.
Aarri tamboo, uffata ykn meeshaalee manaa irra jirullee dhukkuba asmii kakaasuu waan danda’uuf: namni kamiyyuu mana keessan keessatti ykn naannoo daa’ima keessaniitti akka xuuxu hin hayyaminaa.
Asmiin yoom akka uumamu beekuun kan hin danda’amne ta’us, daa’ima keessanitti asmii kan kakaasuu maa akka ta’e beekuun baayyee isin gargaara, kanaafuu sababoota kanneen irraa fagaachuun dhukkubicha hambisuuf yaaluun ni danda’ama.
Yoom doktora mariisisuu akka qabdan (When to see a doctor)
Yoo daa’imni keessan rakkina hargansuu, hafuura baafachuu ykn qufaa qabaate, gara ogeessa fayyaa geessuun dhukkuba asmii ta’uu fi ta’uu dhiisuu isaa irratti mari’achuuf gara GP geessuun barbaachisaadha. Yoo daa’imni keessan dhukkuba asmii qabaate, ogeessi fayyaa waliigalaa keessan Karoora Hojii Asmii akka uumu gaafadhaa. Karoorri kun akkaataa dhukkuba asmii ittiin ittisuu dandeessanii fi yeroo isin mudatu akkamitti akka to’attan isinitti hima.
Wal’aansa – Karoora Hojii Asmii (Treatment – Asthma Action Plans)
Karoorri Hojii Asmii daa’ima keessanii bakka salphaatti argachuu dandeessanitti qabamuu qaba. Namni daa’ima keessan kunuunsu kamiyyuu daa’imni keessan dhukkuba asmii akka qabu akka beekuu fi yeroo dhukkubni asmii itti ka’u maal gochuu akka qabu: akka hubatu mirkaneessi.
Ittisni qaama wal’aansaa hunda caalaa barbaachisaa ta’ee dha. Wantoota yeroo baay’ee kaka’umsa dhukkuba asmii fidan irraa fagaachuu, akkasumas haalota biroo kan akka ho’a gogaa fi ekziimaa to’adhaa.
Gosoonni qoricha lamaan daa’imman dhukkuba asmii qaban yeroo baay’ee itti fayyadaman: kan nama fayyisuu fi kan ittisuudha. Daa’imman tokko tokko yeroo dhukkubbiin itti cimu qoricha isteeroyidii afaaniin fudhatamu fudhachuu danda’u.
Tasgabbeessitoota |
Qorichootni boqonnaa ujummoo qilleensaa akka salphaatti harganuuf akka banaman gargaaru. Isaanis ujummoowwan hafuura baafannaa dhiphatan diriirsuun qilleensi akka salphaatti akka keessa darbu gochuun mallattoolee dhukkuba asmii ni salphisu. Baayyee saffisaan hojjetu - yeroo baayyee daqiiqaa muraasa keessatti. Qorichi nama fayyisuu yeroo baay’ee salbutamol yoo ta’u, yeroo baay’ee Ventolin jedhamuun beekama. Daa’imman umuriin isaanii guddaa ta’eef qorichi Symbicort jedhamu ajajamuu danda’a.
Yeroo asmii dhukkubsatanitti, daa’imman keessan sa’aatii lamaa hanga afurii gidduutti qoricha isaanii ni barbaadu. Erga kutaan jalqabaa fooyya’ee booda, daa’imman keessan hanga qufaa fi rakkoon harganuu irraa badutti guyyaatti al sadii hanga afuriif qoricha isaanii fudhachuu itti fufuu qabu.
Daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 fi isaa gadi ta’e baay’een isaanii yeroo tokkotti Ventolin afuuffatan lama hanga ja’aa kan isaan barbaachisu yoo ta’u, daa’imman waggaa jahaa fi isaa ol ta’an baay’een isaanii yeroo tokkotti hanga Ventolin 12 afuuffatu.
Akkasumas GPn kee prednisolone (gosa isteeroyidii) ajajuu danda’a. Kunis ujummoowwan hargansuu Ventolin dhaaf caalaatti deebii akka kennan gochuuf gargaara. Akkasumas, ujummoon qilleensaa akka hin dhiitofne ykn akka hin daangeffamne gargaara. Kunis akka waliigalaatti yoo baay’ate guyyoota sadiif fayyada. |
Ittistoota |
Ittistoonni dhukkubni asmii akka hin uumamneef gargaaru. Flixotide ittisa afuura ol fudhatamuu yoo ta'u, Singulair ammoo ittisaa bifa kiniinaatiin fudhatamuudha. Qorichootni ittisaa guyyaa guyyaan fudhatamuu qabu, yeroo fayyaa ta'anis dabalatee.
Daa’imman hundi qoricha ittisaa fudhachuu hin qaban. Yoo daa’imni keessan torbanitti al tokkoo ol mallattoolee dhukkuba asmii agarsiisaa jiraate, GPn keessan qoricha ittisaa irratti yaada kennuu danda’a. Ijoolleen qoricha ittisaa fudhatan, qorichi akka gaariitti hojjechaa jiraachuu isaa mirkaneessuuf yeroo hundumaa GP isaaniitiin mari’achuu qabu. Ogeessi fayyaa akka barbaachisummaa isaatti hamma qorichaa (dose) ni sirreessa. |
Qoricha dhukkuba asmii kennuu (Giving asthma medicine)
Qorichoota asmii fudhachuuf karaan irra caalaan afuura ol-fudhachuudha. Nebuliser maashiniiwwan qoricha dhangala’aa gara hurkaatti jijjiiran yoo ta’an, kunis karaa haguuggii fuulaa ykn afaaniin kan afuufamuudha. Ijoolleen baay'een isaanii meeshaalee spacer kanneen puffers qaban kan fayyadaman yoo ta’u, akkuma nebulisers’tti haala gaariin hojjetu. Yeroo baayyee Spacer rakashaa fi saffisaa yoo ta’u, nebulisers hospitaalotaa fi ambulaansii qofa keessatti fayyadu caalaa salphaatti socho’aadha.
Daa’imni keessan qoricha asmii isaa akkamitti akka fudhatu akka beeku, akkasumas akkamitti akka isa deeggartan akka hubatu mirkaneessaa. See our fact sheet
Asthma – use of spacers.
Mucaan keessan yeroo hundumaa qoricha asmii isaa fi Karoora Hojii Asmiisaa waliin akka qabatu mirkaneessaa.
Yeroo dhukkubni asmii mudatu maal gochuu qabna (What to do during an episode of asthma)
Yoo daa’imni keessan dhukkuba asmii qabaate, gorsa Karoora Yaala Asmii daa’ima keessanii hordofaa, ykn tarkaanfiiwwan gargaarsa jalqabaa asmii 4x4x4 armaan gadii hordofaa:
- Mucaa keessan haala mijataa ta’een qajeelchitanii teessisuun tasgabbeessaa.
- Yoo jiraate, tasgabbeessituu bifa cuquliisaa qabu raasaa, spacer dhaan puffs adda addaa afur kennaa. Yeroo tokkotti afuuffee tokko kennuudhaan, daa’imni keessan yeroo afur akka fudhatu taasisaa. Tokkoon tokkoon hafuura baafannaa wajjin sagalee cuqaasuu dhaga'uu dandeessu.
- Daqiiqaa afur eegaa. Yoo fooyya’iinsi dhukkuba asmii daa’ima keessanii irratti hin argamne tarkaanfii 2ffaa irra deebi’aa.
- Ammas fooyya'iinsi yoo hin jiraanne hatattamaan ambulaansiitti bilbilaa. Balaan asmii hatattamaa daa’ima keessan akka mudate ibsaa. Yeroo ambulaansii eegdan tarkaanfii 2 fi 3 walitti fufiinsaan irra deebi’aa.
Qabxiilee ijoo yaadatamuu qaban (Key points to remember)
- Karoora Yaalaa Asmii hakiima keessan gaafadhaa.
- Mallattooleen dhukkuba asmii yeroo muldhatan dhukkubicha salphisuuf, wal’aansi dhukkubbii tasgabbeessu fudhatamuu qaba.
- Yoo hakiimaan siif ajajame, wal’aansi ittisaa guyyaa guyyaan fudhatamuu qaba; fayyaa ta’ullee.
- Daa’imni keessan qoricha asmii isaa akkamitti akka fudhatu akka beeku, akkasumas akkamitti akka isa deeggartan akka hubatu mirkaneessaa.
- Mucaan keessan yeroo hundumaa qoricha asmii isaa fi Karoora Hojii Asmiisaa waliin akka qabatu mirkaneessaa.
- Yoo daa’imni keessan dhukkuba asmii qabaate, Karoora Yaala Asmii isaanii ykn tarkaanfiiwwan gargaarsa jalqabaa asmii 4x4x4 hordofaa.
- Mallattoon daa’ima keessanii baay’ee dafee yoo hammaate, ykn yoo hafuura baafachuu dadhabe, haasa’uu dadhabe, ykn halluun hidhii isaanii cuquliisatti yoo jijjiirame, ambulaansiitti bilbilaa.
Odeeffannoo dabalataaf (For more information)
Waraqaa dhugaa Odeeffannoo Fayyaa Daa’immanii: Asmii
Asmii
Waraqaa dhugaa odeeffannoo Fayyaa Daaa’immanii: Asthma - Viidiyoowwan
Asthma - videos
Mana Maree Asthma Biyyaalessaa Austeralia
Asthma Australia
Gaaffiiwwan beekamoo doktoronni keenya gaafataman (Common questions our doctors are asked)
Mucaa koo yoo rafte, qoricha asmii isheef nan dammaqsaa?
Walumaagalatti lakki. Hanga sagalee qufaa ykn rakkoo hargansuu kamiyyuu hin dhagahinitti, akkasumas haala mijataan harganuuf isaanitti hin ciminitti, mucaa keessan hirribaa hin kaasinaa.
Daa'ima koo gara GP ykn doktoraa yoom haa geessu?
Yoo qoricha yeroodhaaf nama fayyisu baay’inaan fayyadamaa jirta ta’ee fi qorichi ittisaa na gargaaruu danda’a jettee yaadde, GP kee mari’achiisi. Yoo miirri gaariin isinitti hin dhagahamu yoo ta’e ykn qorichi mana keessatti fayyadamtan jijjiirama kan hin fidne yoo ta’e, ogeessa fayyaa keessan mari’achiisaa.
Daa’ima koo gara damee balaa tasaa (emergency department) dhiyoo jiruutti yoom haa geessu?
Daa’imni keessan hafuura baafachuun yoo itti ulfaate ykn haasa’uu yoo dadhabe. Erga tasgabbeessituu fudhattee booda fooyya’iinsi xiqqaan yoo jiraate ambulaansiitti bilbilaa.
Mucaan koo sochii hangamii akka hojjetun hayyamuu qaba?
Erga sirnaan to’atamee booda, daa’imni keessan sochiiwwan baratamaa hunda irratti akka hirmaatu jajjabeeffamuu qaba. Sochiiwwan daangeessuun hin barbaachisu.
Mucaan koo qofaadhaan yoo qabame, asmiidhaaf akka hin saaxilamne qoricha farra baakteeriyaa fudhachuu qabaa?
Qufaan dhukkuba sirna hargansuu vaayirasiin dhufudha. Vaayirasiin qoricha farra baakteeriyaatiin hin du’u. Kanaafuu, dhukkuba asmii ittisuuf qorichi farra baakteeriyaawwanii hin fayyadu. Daa’imni keessan yoo infekshinii laphee baakteeriyaadhaan dhufu qabaate, Ogeessi fayyaa waliigalaa (GP)n keessan qoricha farra baakteeriyaa daa’ima keessaniif ni ajaja.
Mucaa kootiif qoricha prednisolone kennuun rakkoo qabaa?
Miidhaawwan cinaa prednisolone irraa dhufuu danda'an dhageessaniittu ta’uu mala. Miidhaawwan cinaa kun kan uumaman qorichi kun yeroo tokkotti ji’oota dheeraaf ykn tokkoon tokkoon isaanii guyyoota muraasaaf hedduminaan yennaa kennameedha. Yeroo hafuura baafachuun itti hammaatu barbaachisaa ta’uu danda’a, garuu yeroo baay’ee akka yaala hatattamaatti ilaalama. Qoricha isteeroyidii fudhachuu irraa of qusachuuf Karaa hundarraa gaariin, qoricha guyyaa guyyaan akka fudhattan isiniif ajajame fayyadamuudha.
Hospitaala Daa'immanii The Royal tiin kan qophaa'e. Galtee fayyadamtootaa fi kunuunsitoota RCH beekamtii kennaaf.
Hagayya 2023 haressame.
Odeeffannoo Fayyaa Daa’immanii kan deeggaramuu The Royal Children’s Hospital Foundation jedhamu irraa ti. Arjoomuudhaaf, www.rchfoundation.org.au daawwadhaa.
Ibsa
Odeeffannoon kun marii hakiima yookaan ogeessota eegumsa fayyaa keessan waliin taasifamu bakka buusuuf osoo hin taane deeggaruuf kan yaadamedha. Barreessitoonni barruulee odeeffannoo fayyaa fayyadamtootaa kanaa odeeffannoon sun sirrii, yeroo ammaa fi salphaatti hubatamuu danda’u ta’uu isaa mirkaneessuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Hospitaalli Daa’immanii Mootii Melboorn sirrii ta’uu dhabuu, odeeffannoo akka dogoggoraatti fudhatame, yookaan milkaa’ina sirna wal’aansaa barruulee kennaman kana keessatti bal’inaan ibsame kamiifuu itti gaafatamummaa hin fudhatu. Odeeffannoon barruulee kennaman keessatti argaman yeroo hunda kan fooyya’u waan ta’eef yeroo hunda barruulee kennaman isa dhiyoo ta’e eeruun kee mirkaneeffachuu qabda. Dirqamni si fayyadamaa, waraqaa odeeffannoo fayyaa fayyadamtootaa yeroo ammaa ta’e buufachuu kee mirkaneessuuf sirra jira.