Gastroenteritis (Oromo) – Gastroo

  • Gastroenteritis (gastro) infekshinii garaachaa kan dhukkuba garaacha (Sagaraa dhangala’aa, bishaanii) fi yeroo tokko tokko garaa kaasaa fidudha. Garaa kaasaan dafee qubachuu danda'a, garuu garaa kaasaan hanga guyyaa 10 turuu danda'a.

    Sababni gastro baay'inaan infekshinii vaayirasii ta'us, gastroon jarmii adda addaan dhufuu danda'a. Ijoolleen baay’een isaanii qoricha gastroof kamiyyuu fudhachuun isaan hin barbaachisu; haa ta’u malee, bishaan akka hin hir’anneef dhangala’aa baay’ee dhuguun barbaachisaa dha.

    Gastroon salphaatti kan dadarbuu yoo ta’u, daa’immanii fi daa’imman xixiqqoo irratti baay’ee kan mul’atu fi cimuudha. Daa’imman ji’a jahaa gadi ta’an baay’ee salphaatti bishaan qaama keessaa hir’achuu waan danda’aniif yoo gastroo qabaatan ogeessa fayyaatiin ilaallamu qabu.

    Mallattoolee gastroo (Signs and symptoms of gastro)

    Yoo daa’imni keessan gastroo qabaate, kaneen arman gadii mul'isuu:

    • fayyaa dhabuu, nyaachuus ta’e dhuguu barbaachuu dhisuu
    • sa’aatii 24 hanga 48 jalqabaa keessatti garaa kaasaa mul'isuu (yeroo baay’ee osoo dhukkuba garaachaa hin jalqabin dura)
    • Dhukkuba garaachaa hanga guyyaa 10 turuu danda’a qabaachuu.
    • dhukkubbii garaa tokko tokko qabaachuu
    • ho'a qaamaa qabaachuu

    Kunuunsa mana keessatti (Care at home)

    Wal’aansi inni guddaan daa’imni keessan dhangala’oo kan akka bishaanii, formaata bishaan afaaniin fudhatamu, aannan harmaa ykn foormulaa biroo akka dhuguu gochuudha. Dhangala’oo sababa garaa kaasaa fi sagaraadhan bade bakka buusuun baay’ee barbaachisaadha.

    Gastrolyte, HYDRAlyte, Pedialyte fi Repalyte gosa dhangala’aa afaaniin fudhataman adda addaa yoo ta’an dhangala’oo fi soogidda qaamaa bakka buusuuf itti fayyadamuu ni danda’ama. Akkasumas akka utubaa qorraatti kan argaman yoo ta’u, yeroo baay’ee ijoolleen kana qabaachuu isaaniitti gammadu.

    Yoo daa’imni keessan garaa kaasaan dhangala’aa baay’ee yoo baase, dhangala’aa xiqqaa baay’iinan (daqiiqaa 10-15 hunda) isaaniif dhiyeessuuf yaalaa. Mucaan keessan yeroo jalqabaaf gastroo isaan qabatuu nyaata diduu danda’u. Kun hanga wanta dhugamu fudhatan rakkoo guddaa irratti hin qabaatu.

    Qorichootni kun daa’imman irratti miidhaa geessisuu waan danda’aniif, daa’ima keessaniif qoricha ajaja ogeessa fayyaa malee bitamaani garaa kaasaa fi sagaaa qal'aa hir’isan hin kenninaa.

    Daa’imman gastroo qaban yeroo baay’ee waan dhukkuba daddabarsaniif, erga daa’ima keessan harkaan qabdaniin booda keessattuu osoo nyaata hin kenninii fi erga jalee (nappy) jijiirtaniin booda harka keessan sirriitti dhiqadhaa. Hanga dhukkubni garaachaa dhaabbatutti daa’ima keessan hanga danda’ametti daa’imman biroo irraa fageessaa.

    Yoom akka doktora argan (When to see a doctor)

    Daa'imman ji'a jahaa gadii ta'an yeroo hunda yoo gastroo qabaatan ogeessa waligalaan ilaalamuu qabu, sababiin isaas carraan bishaa qaama isaani irra hir'achuu isaa guddaadha.

    Daa’imni gastroo qabu kamiyyuu yoo kanneen arman gadii ta'an Ogeessa Waliigala ilaaluu qaba:

    • garaa kaasaa fi sagaraa qal'aa qabatan fi dhugaatii yoo hin dhugne ta'e
    • sagaraa qal'aa baay’ee qabaachuu (sagaraa qal'aa saddeet hanga 10, ykn guyyaatti sagaraa gurguddaa lama ykn sadii) ykn guyyaa 10 booda sagaraan sun yoo fooyya’uu baate
    • yeroo baay’ee kan garaa kaasaa fi dhangala’aa kamiyyuu gadi qabachuu waan hin dandeenye fakkaachuu
    • mallattoo bishaan qaama keessaa hir’achuu agarsiisu fkn. jiidhaa dayiiparii irratti xiqqaachuu ykn baay’iinan mana fincaanii deemuu dhiisuu, fincaan keelloo dukkanaa’aa ykn bunni, mataa salphaa ykn mar’achuu, funyaanii fi afaan goguu
    • dhukkubbii garaa hamaa qabaachuu
    • saaara kessaa dhiiga qabaachuu
    • garaa kaasaa magariisa qabaachuu
    • sababa biraatiin yoo isiin yaaddessaan

    Yoo daa’imni keessan bishaan baay’ee hir’atee fi dhangala’aa kamiyyuu gadi qabachuu hin dandeenye, dhangala’aa tuubii karaa hidhii gara garaachaatti (tuubii nasogastric) ykn kallattiin gara ujummoo dhiigaan dhangala’aa (hidda dhiigaa keessaa ykn wallaansa IV) akka qabaataniif hospitaala seenuu isaan barbaachisuu danda’a.

    Qabxiilee ijoo yaadatamuu qaban (Key points to remember)

    • Daa’imman ji’a jahaa gadi ta’ani gastroo qabaan baay’ee salphaatti bishaan qaama keessaa hir’achuu waan danda’aniif ogeessa fayyaatiin ilaallamu qabu.
    • Daa’imman yeroo garaa kaasan hunda dhugaatii kennaafi. Harma hoosisuu itti fufa. Yoo xuxxoon nyaachiftan ta'e, sa’aatii 12 jalqabaaf wal-makaa bishaan deebisuu afaaniin kennaaf.
    • Daa’imman kessanif dhangala’aa xiqqoo xiqqoo bay'innaan kennaaf.
    • Daa’imni keessan dhukkuba daddabarsuu waan danda'uuf, yeroo hunda harka keessan sirriitti dhiqadhaa, keessumaa nyaata nyaachisuun dura fi erga dayiipparii jijjiirtaan booda.
    • Yoo daa’imni keessan bishaan irraa hir’ate, dhukkubbii garaa hamaa yoo qabaatan ykn yoo isin yaaddesse gara hakiimaatti geessaa.

    Odeeffannoo dabalataaf (For more information)

    Gaaffiiwwan beekamoo hakiimonni keenya gaafataman (Common questions our doctors are asked)

    Dhugaatii ani daa’ima kootiif kennaa jiru dhukuba garaacha isa hammeessaa jira jedheen yaadda’a. Xiqqeesse isheef kennuu qabaa?

    Dhukkubni garaachaan kun hammaatu fakkaatulee, Dhangala’oon isheef kennamuun baay’ee barbaachisaadha. Dhangala’oo sababa dhukkuba garaachaa ykn garaa kaasaan bade bakka buusuuf bishaan akka hin hir’anne gochuun barbaachisaadha.

    Mucaan koo yeroo gastro qabu nyaata nyaachuu hin dandeenye jedhee yaadda’uu qabaa?

    Yeroo daa’imni keessan jalqaba gastro qabaatu nyaata diduu ni danda’u. Kun yeroo baayyee hanga wanta dhangala'aa fudhatan rakkoo hin qabu. Yeroo mucaan keessan deebi’ee beela’u nyaata nyaachuu jallatuu kennaaf.

    Mucaan koo erga dhukkuba gastroo qabaatee booda aannani fudhachuu danda'aa?

    Daa’imman hedduun dhukkuba gastroo booda yeroo gabaabaaf aannan isan dhukkubsisa. Yoo kun ta’e, ergaa gastro booda torban lamaaf aannan fudhatan hir’isuu dandeessa. Mallattoon kun kanaan ala yoo itti fufe, daa’ima kee gara ogeeessa waligala keetti furadhuu.


    Hospitaala Daa’immanii Rooyaal kutaalee Qoricha Waliigalaa, Balaa Tasaa akkasumas Kutaa Gastroenterology fi Giddugala Fayyaa Daa’immanii Hawaasaatiin kan qophaa’e. Yaada fayyadamtootaa fi kunuunsitoota RCH kennan beekamtii kenninaaf.

    Adoolessa 2023 kan gulaalame.

    Odeeffannoon kun gamaaggama idilee eegaa jira. Maaloo yeroo hunda gorsa isa dhiyoo ogeessa fayyaa galmaa’ee fi hojiirra jiru irraa barbaadaa.

    Odeeffannoo Fayyaa Daa’immanii kan deeggaramuu The Royal Children’s Hospital Foundation jedhamu irraati. Arjoomuudhaaf, www.rchfoundation.org.au daawwadhaa.

    Ibsa

    Odeeffannoon kun marii hakiima yookaan ogeessota eegumsa fayyaa keessan waliin taasifamu bakka buusuuf osoo hin taane deeggaruuf kan yaadamedha. Barreessitoonni barruulee odeeffannoo fayyaa fayyadamtootaa kanaa odeeffannoon sun sirrii, yeroo ammaa fi salphaatti hubatamuu danda’u ta’uu isaa mirkaneessuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Hospitaalli Daa’immanii Mootii Melboorn sirrii ta’uu dhabuu, odeeffannoo akka dogoggoraatti fudhatame, yookaan milkaa’ina sirna wal’aansaa barruulee kennaman kana keessatti bal’inaan ibsame kamiifuu itti gaafatamummaa hin fudhatu. Odeeffannoon barruulee kennaman keessatti argaman yeroo hunda kan fooyya’u waan ta’eef yeroo hunda barruulee kennaman isa dhiyoo ta’e eeruun kee mirkaneeffachuu qabda. Dirqamni si fayyadamaa, waraqaa odeeffannoo fayyaa fayyadamtootaa yeroo ammaa ta’e buufachuu kee mirkaneessuuf sirra jira.