Shifiiwwan ijoollee fi daa’imman keessatti baayyee beekamu. Shifiiwwan baay’een isaa dhukkuba vaayirasii beekamaa ta’een kan dhufuu dha. Yeroo baayyee, shifiiwwan miidhaa kan hin qabnee fi ofuma isaatiin kan badanii dha.
Yoo daa’imni keessan shifii xixiqqoo, diimaa ifaa yookaan diimaa yookaan madaa yeroo dhiibdan adii hin taane qabaate, yaala hatattamaa barbaadaa.
Mallattoo (Signs and symptoms)
Shifiiwwan bifa adda addaa hedduu qabaachuu danda’a: bakka diimaa, diriiraa; bubbee olka’e; bishaan dhangala’aa; xosiiwwan; yookaan kanneen kana keessaa walitti makamuu kamiyyuu. Shifiin kun osoo hin badin qaama irra caalaa ykn guutuu qaamaa irra babal’achuun waanuma barame ta’uu danda’a. Shifiin kun guyyoota hanga torbanitti turuu danda’a.
Shifiiwwan baay’een isaa salphaa waan ta’aniif daa’ima keessaniif dhiphina tokkollee kan hin fidne yoo ta’ellee, shifiin tokko tokko garuu baay’ee hoqsisuu danda’a.
Yoom akka doktora argan (When to see a doctor)
Yeroo baayyee dhukkubni fincaan kana fidu daa’imni keessanis ho’a qaamaa akka qabaatu taasisa (barruu dhugaa keenya ilaali Ho’a qaamaa daa’immanii)
Fever in children. Ho'i qaamaa guyyaa 5 yoo ture gorsa ogeessa fayyaa barbaadaa.
Yoo daa’imni keessan shifii xixiqqoo, diimaa ifaa yookaan diimaa ykn madaa yeroo dhiibdan adii hin taane qabaate, hatattamaan kutaa balaa tasaa hospitaala isinitti dhihoo jiru irraa gorsa ogeessa fayyaa barbaadaa.
Yoo daa’imni keessan shiffiita fi dhukkubbii mataa, dhukkuba qoonqoo jabaatee ykn dugdaa waliin dhukkubbii yoo qabaate, hatattamaan gorsa ogeessa fayyaa barbaadaa.
Waa’ee mucaa keessanii yoo yaaddoftan gorsa ogeessa fayyaa barbaadaa.
Kunuunsa manatti (Care at home)
Haala hunda keessatti jechuun ni danda’ama vaayirasii kamtu akka fincaan kana fidaa jiru beekuun barbaachisaa miti. Shifiiwwan baay’een isaa ofuma isaatiin ni fooyya’a. Antibaayootikii vaayirasii irratti kan hin hojjenne yoo ta’u, daa’imman dhukkuba vaayirasiitiin dhufu qabaniif hin kennamu.
Yoo shifiiwwan daa’ima keessanii kan hooksisu tahe, hoqxoo sana irraa akka salphisuuf wallaansaaf faarmasii naannoo keessan jiru ykn GP keessanii waliin dubbadhaa.
Yoo mucaan keessan dhibee shifii sana irraa kan kaé jeeqame akka itti vaayirasiin shifii sanaan itti fooyyawuuf taasisaa.
Infeekshiniin vaayirasii akkamitti babal’ata? (How are viral infections spread?)
Vaayirasiin tuxxuqaa kallattii fi qilleensa keessan daddabra. Vaayirasiin akka hin babal’anneef karaa gaariin qaamaa kamiyyuu erga tuqxee booda harka dhiqachuu fi meeshaalee akka mi’a nyaataa, kooppii dhugaatii, haalluu, buruushii ilkaanii fi uffata wal jijjiiruudhaan uffatuu irraa of qusathuu dha. Yeroo mallattoon dhukkubaa mul’atutti haguuggii fuulaa uffatuunis ni akeekama.
Qabxiilee ijoo yaadatamuu qaban (Key points to remember)
- Shifiiwwan vaayirasiin dhufu ijoollee fi daa’imman irratti baay’ee mul’ata.
- Shifiiwwan vaayirasii irra caalaan isaa miidhaa kan hin qabnee fi ofuma isaatiin ni bada.
- Yoo daa’imni keessan ho’a qaamaa qabaatanii fi shifiin qaama isaanitti bahe yeroo dhiiban yoo addaatuu (daalachaawuu) didee ykn yoo baay'ee isaan dhukkube wallaansa hatattamaatti geessaa.
Gaaffiiwwan beekamoo doktoronni keenya gaafataman (Common questions our doctors are asked)
Yeroo hunda daa’ima koo shifiin irratti mul'atu gara doktoraatti geessuun na barbaachisa?
Lakki, daa’imni keessan dhukkuba salphaa yoo qabaate – kan akka utaalloo (difkaaka) - yoo ta’e, karaa biraatiin gammadanii kan nyaatanii fi dhuganii yoo tahe, shifiin xiqqoon qaama irratti argamuun yaaddessaa miti.
Mucaan koo shifii qaba ani ammoo ulfa. Yaadda'uun qabaa?
Dhibeen dhukkubaa vaayirasii tokko tokko yeroo ulfaa rakkoo fiduu danda'a. Yoo ulfa taate, fi daa’imni kee fincaan qabaatee fi si yaaddesse, gorsa argachuuf hakiima naannoo keetii ykn ogeessa dahumsaa ilaaluu qabda.
Kutaa Qoricha Waliigalaa Hospitaala Daa'immanii Mootiitiin kan qophaa'e. Galtee fayyadamtootaa fi kunuunsitoota RCH beekamtii kennaaf.
Haaromsa irra boodaa Hagayya 13, 2023.
Odeeffannoon kun gamaaggamaaf darabee eegaa jira. Maaloo yeroo hunda gorsa isa dhiyoo ogeessa fayyaa galmaa’ee fi hojiirra jiru irraa gaafadhu.
Odeeffannoo Fayyaa Daa’immanii kan deeggaramuu The Royal Children’s Hospital Foundation jedhamu irraa ti. Arjoomuudhaaf, www.rchfoundation.org.au daawwadhaa
Ibsa
Odeeffannoon kun marii hakiima yookaan ogeessota eegumsa fayyaa keessan waliin taasifamu bakka buusuuf osoo hin taane deeggaruuf kan yaadamedha. Barreessitoonni barruulee odeeffannoo fayyaa fayyadamtootaa kanaa odeeffannoon sun sirrii, yeroo ammaa fi salphaatti hubatamuu danda’u ta’uu isaa mirkaneessuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Hospitaalli Daa’immanii Mootii Melboorn sirrii ta’uu dhabuu, odeeffannoo akka dogoggoraatti fudhatame, yookaan milkaa’ina sirna wal’aansaa barruulee kennaman kana keessatti bal’inaan ibsame kamiifuu itti gaafatamummaa hin fudhatu. Odeeffannoon barruulee kennaman keessatti argaman yeroo hunda kan fooyya’u waan ta’eef yeroo hunda barruulee kennaman isa dhiyoo ta’e eeruun kee mirkaneeffachuu qabda. Dirqamni si fayyadamaa, waraqaa odeeffannoo fayyaa fayyadamtootaa yeroo ammaa ta’e buufachuu kee mirkaneessuuf sirra jira.