Respiratory syncytial virus (Oromo) – Vaayiresii Seelii Hargansuu

  • Vaayiresiin Seelii (sin-city-al) Hargansuu (RSV) dhukkuba sirna hargansuu fi afuura baafannaa daa’immanii irratti baay’inaan kan fiduu dha. Vaayirasii sombaa fi karaa afuura baafannaa irratti faalama kani fidu yoo ta'u, sababoota dufkaaka (utaalloo) qabsiisan keessaa isa tokkoo dha.

    RSV namoota umuriin isaanii adda addaa ta’e miidhuu danda’a. Daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa gadi ta’e baay’een isaanii sadarkaa tokkotti RSVn kan qabaman yoo ta’u, irra deddeebiin RSVn qabamuun ni danda’ama. Amalli qulqullinaa gaariin carraa daa’imni keessan vaayirasichaan qabamuu yookaan namoota birootti dabarsuu hir’isuu danda’a.

    Mallattoolee RSV (Signs and symptoms of RSV)

    Erga vaayirasichaan saaxilamee booda, daa'imni keessan naannoo guyyaa shanii booda qofa mallattoon dhukkubaa mul'achuu danda'a. RSV daa’imman keessatti akka idileetti mallattoolee utaalloo fakkaatanii salphaa hanga giddu galeessaa wajjin kan walqabatu yoo ta’u, kunis akka waliigalaatti guyyoota saddeet hanga 15 gidduutti kan turudha. Yoo daa’imni keessan RSV qabaate mallattoolee armaan gadii keessaa muraasa yookaan hunda qabaachuu danda’u:

    • funyaan furraa’uu
    • qufaa
    • xiixuu
    • ho’ina qaamaa

    RSVn daa’imman waggaa tokkoo gadi ta’an irratti dhukkuba biroonkiyolaayitii fi sombaa fiduu danda’a. Yoo daa’imni keessan dhukkuba asmii qabaate, RSV mallattoolee asmii isaanii kakaasuu hin oolu.

    Kunuunsa mana keessatti (Care at home)

    Namoonni RSV qabaman baay’een isaanii salphaa waan ta’aniif mana keessatti boqonnaa argachuun yaalamuu danda’u. Yoo daa’imni keessan RSV qabaate:

    • Yoo fayyaan isaanii itti hin dhaga’amne mana isaan tursaa. Yoo miira gaariin itti dhaga’amee fi qufa’uu fi haxxiffannaa hin jirre ta’e hojii idilee isaanii (mana barumsaa daa’immanii, mana barumsaa fi kkf) itti fufuu danda’u.
    • Mucaan keessan dhangala’aa xiqqoo yeroo baay’ee akka dhugu jajjabeessaa. Yoo daa’imni RSV qabaate, dhangala’aa xiqqaa (aannan harmaa, foormulaa yookaan bishaan) yeroo hunda kennuufii.
    • Gorsa ho’a qaamaa daa’ima keessanii yoo miira namaa hin tolle ta’e to’achuu argachuuf waraqaa dhugaa keenya Ho’a qaamaa daa’immanii ilaalaa.

    Yoom akka doktora argan (When to see a doctor)

    Mucaa keessan gara GP geessaa yoo:

    • ho’a qaamaa olka’aa waan qabaniif akka gaariitti hin mul’atan
    • hidhiin isaanii dafqaan waan guutameef nyaata nyaachuuf rakkachaa jiru
    • qufaan ni hammaata, yookaan mucaan keessan dafqa qufa’uu jalqaba
    • mucaan keessan bishaan qaama keessaa yoo hir’ate
    • daa’ima ta’anii harma yookaan qaruuraa hoosisuu diduudhaan ni aarsu

    Yoo daa’imni keessan bifa diimaa ta’e, hafuura baafachuu irratti rakkate ykn baay’ee dafee hafuura baafachaa jiraate ambulaansii bilbilaa yookaan kutaa balaa tasaa hospitaala isinitti dhihoo jiru dhaqi.

    Doktarichi daa’ima keessan erga argeen booda guyyaa itti aanutti irra deebi’ee akka ilaaltan gaafachuu danda’a. Dafii isaan deebifadhu yoo mucaan kee:

    • hafuura baafachuu yookaan saffisaan hafuura baafachuu irratti rakkachaa jira
    • caalaatti dhukkubbiin irraa muláta
    • yoo xiqqaate dhangala’oo isaanii isa idilee keessaa walakkaa fudhachuu dhabuu isaaniiti
    • qufaa hammaataa qabaata.

    RSV’n akkamitti daddarba? (How is RSV spread?)

    CDaa’imman RSV qaban yeroo baay’ee mallattoon isaanii jalqaba irraa kaasee guyyoota saddeetiif daddarboo (vaayirasicha namoota birootti dabarsuu danda’u). RSV baay’ee daddarbaa fi sa’aatii hedduudhaaf lafa irratti, fi harka hin dhiqamin irratti daqiiqaa 30–60 jiraachuu danda’a. RSV’n daa’imman gidduutti saffisaa fi salphaatti kan babal’atu karaa qufaa fi haxxiffannaa, akkasumas burcuqqoowwan fi meeshaalee biroo afaan, hidhii yookaan ija daa’ima dhukkuba kanaan qabame waliin wal qunnaman waliif qooduun.

    Tatamsa’ina RSV dhaabuun rakkisaa ta’uu danda’a; haa ta’u malee qulqullina gaarii qabaachuun vaayirasii kamiyyuu namoota birootti akka hin dabarre gargaara.

    • Ijoolleen dhugaatii, meeshaalee nyaataa yookaan meeshaalee taphaa (yeroo danda’ametti) akka qooddatan hin hayyaminaa fi meeshaaleen kun itti fayyadama gidduutti saamunaa fi bishaaniin sirriitti akka qulqullaa’an mirkaneessaa.
    • Mucaan keessan akka qufaa fi haxxiffatu jajjabeessaa gara tishuutti, achiis tishuu sana gataa.
    • Jarmiiwwan akka hin babal’anneef atii fi/yookaan daa’imni kee erga hidhii isaanii afuufanii booda harka isaanii dhiqachuun baay’ee barbaachisaadha.
    • Nama mallattoo utaalloo qabu waliin wal qunnamtii kamiyyuu erga qabaattanii booda harka keessan dhiqadhaa.

    Yoo daa’imni keessan RSV (yookaan mallattoo utaalloo fakkaatu) qabaate, daa’imman reefuu dhalatan yookaan namoota dandeettii dhukkuba ittisuu isaanii hir’ate (sirni ittisa qaamaa dadhabe) irraa fageessuun barbaachisaa dha.

    Qabxiilee ijoo yaadatamuu qaban (Key points to remember)

    • Vaayirasiin sirna hargansuu (RSV) dhukkuba sirna hargansuu fi afuura baafannaa daa’immanii irratti baay’inaan mul’atudha.
    • RSVn daa’imman waggaa tokkoo gadi ta’an irratti dhukkuba biroonkiyolaayitii fi sombaa kan fidu yoo ta’u, daa’imman dhukkuba asmii qaban irratti mallattoolee mul’achuu danda’a.
    • Mucaan keessan yoo fayyummaan itti dhaga’amee fi karaa qufaa yookaan haxxiffannaa vaayirasicha hin tamsaasne mana barumsaa deemuu danda’a.
    • RSV baayyee daddarba waan ta'eef vaayirasicha akka hin babal'anneef qulqullina gaariin barbaachisaadha.
    • Daa’imman dhukkuba kanaan qabaman daa’imman reefuu dhalataniifi namoota sirni ittisa qaamaa isaanii laafaa ta’e irraa fageessuuf yaalaa.

    Odeeffannoo dabalataaf (For more information)

    Gaaffiiwwan beekamoo hakiimonni keenya gaafataman (Common questions our doctors are asked)

    Garaagarummaan utaalloo fi RSV gidduu jiru maali? 

    RSV vaayirasoota hedduu qorra waliigalaa fidan keessaa tokko yoo ta’u, daa’imni keessan vaayirasii kam akka qabu adda baasuun rakkisaa ta’uu danda’a. Vaayirasii kam akka ta’e yoo beekne baay’ee homaa hin qabu, sababiin isaas wal’aansi tokko – boqonnaa fi dhangala’aa baay’ee, akkasumas qoricha farra baakteeriyaa hin qabu, sababiin isaas antibaayootikii vaayirasii irratti hin hojjetu. Haa ta’u malee, RSVn daa’imman tokko tokko irratti rakkoolee biroo fiduu danda’a, kanneen akka dhukkuba biroonkiyolaayitii fi sombaa dabalatee. Rakkoolee jiran kan akka asmii hammeessuus ni danda’a.

    Talaalliin RSV ittisu jiraa?

    Yeroo ammaa talaalliin RSV ittisu hin jiru. Haa ta'u malee, qorattoonni talaallii fi yaala farra vaayirasii daa'immanii fi daa'imman xixiqqoo, akkasumas dubartoota ulfaa infekshinii RSV hamaa irraa eeguuf gargaaran qopheessuuf hojjechaa jiru. Yoo daa’imni keessan bara walfakkaatutti yeroo lammataaf RSVn qabame, dhukkubni isaanii kutaa jalqabaa caalaa salphaa ta’uu hin oolu.    

    utaa To'annoo Infeekshinii Hospitaala Daa'immanii Rooyaal jedhamuun kan qophaa'e. Yaada fayyadamtootaa fi kunuunsitoota RCH kennan beekamtii kenninaaf.

    Hagayya 2023 gulaalame.

    Odeeffannoon kun gamaaggama idilee eegaa jira. Maaloo yeroo hunda gorsa isa dhiyoo ogeessa fayyaa galmaa’ee fi hojiirra jiru irraa barbaadaa.

    Odeeffannoo Fayyaa Daa’immanii kan deeggaramuu The Royal Children’s Hospital Foundation jedhamu irraati. Arjoomuudhaaf, www.rchfoundation.org.au daawwadhaa.

    Ibsa

    Odeeffannoon kun marii hakiima yookaan ogeessota eegumsa fayyaa keessan waliin taasifamu bakka buusuuf osoo hin taane deeggaruuf kan yaadamedha. Barreessitoonni barruulee odeeffannoo fayyaa fayyadamtootaa kanaa odeeffannoon sun sirrii, yeroo ammaa fi salphaatti hubatamuu danda’u ta’uu isaa mirkaneessuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Hospitaalli Daa’immanii Mootii Melboorn sirrii ta’uu dhabuu, odeeffannoo akka dogoggoraatti fudhatame, yookaan milkaa’ina sirna wal’aansaa barruulee kennaman kana keessatti bal’inaan ibsame kamiifuu itti gaafatamummaa hin fudhatu. Odeeffannoon barruulee kennaman keessatti argaman yeroo hunda kan fooyya’u waan ta’eef yeroo hunda barruulee kennaman isa dhiyoo ta’e eeruun kee mirkaneeffachuu qabda. Dirqamni si fayyadamaa, waraqaa odeeffannoo fayyaa fayyadamtootaa yeroo ammaa ta’e buufachuu kee mirkaneessuuf sirra jira.